Ce’umsi aangoo bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay karaa nagaan raawwatame ijaarsa nageenyaaf gumaacha olaanaa qaba – Dooktar Warqinaa Gabayyoo
Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) –Ce’umsi aangoo bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay karaa nagaan raawwatame ijaarsa nageenyaaf gumaacha olaanaa qabaachuu Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon ibsan.
Sirni walharkaa fuudhiinsa Aangoo Pireezidaantummaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay har’a gaggeeffameera.
Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa,akkasumas bakka buutoonni dippiloomaatoota ardii fi idil addunyaa sirna walharkaa fuudhinsichaarratti argamaniiru.
Ce’umsi aangoo karaa nagaan raawwatame waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa kan dhugoomsu ta’uu Dooktar Warqinaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Ce’umsi aangoo har’a karaa nagaan raawwatame fedhii ummataaf dursa kan kenne ta’uu ‘IGAD’ ni amana jedhan.
Ce’umsichi akka milkaa’u hoggansa bilchina qabu kan kennan Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad galateeffataniiru.
Leetanaal jeneraal Taaddasaa Warradeefis yeroo hojii gaarii hawwaniiru.
#Oromia #Ityoophiyaa