Mudiriik yeroof dorgommiiwwan Kubbaa Miilaa Idil Addunyaa irraa dhorkame
Finfinnee, Mudde 8, 2017 (FMC)-Lammii Yukireen taphataan sarara qarqaraa Kilaba Cheelsii Miikaayeloo Mudiriik yeroof dorgommiiwwan Kubbaa Miilaa Idil Addunyaarraa ugguramuun ibsame.
Murtechi kan darbe taphatichi qorichaa si’eessituu fayyadameera jedhamuun qorannoo gaggeeffame hordofee ta’uun ibsameera.
Kilabni Cheelsii fi Mudiriikis Qorannoo Waldaan Kubbaa Miilaa Ingiliiz taasisaa jiru akka deeggaran beeksisaniiru.
Bu’aan qorannichaas hanga ifoomutti dorgommiiwwan kubbaa miilaa idil addunyaarraa dhorkamuun eerameera.
Urjiin Lammii Faransaay Pool Poogbaanis bara Faranjootaa 2023 haaluma walfakkaatuun, adabbiin waggaa afur itti murtaa’ee turuun ni yaadatama.
Ta’us, Mana Murtii Tajaajila Ispoortii Idil Addunyaan gara baatiiwwan 18’tti gadi hir’achuufiin eerameera.
Kana hordofees adabbii isa xumuruun baatii Amajjii dhufu gara dirree Kubbaa Miilaatti ni deebi’aan eegama.
#Oromia #Ethiopia