Boru taphni Maanchiister Siitiin Cheelsii waliin taphatu ni eegama
Finfinnee, Amajjii 15, 2017 (FMC) – Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 23ffaan taphni boru Maanchiister Siitiin Cheelsii waliin taphatu hawwiin eegama.
Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 23ffaan Boru waaree boodaa eegaluun taphatamu.
Boru galgala sa’aatii 12:00 eegalee taphoonni 5 kan taphataman yoo ta’u, Boornimaawuuz – Notiingihaam Foresti, Biraayitan – Eevartan, Liiverpuul – Ipisiwiich Taawoon, Saawuuz Hampitan – Niwuukaasiil waliin yoo falmatan, Woolviis – Arsenaal waliin morkata.
Halkan sa’aatii 2:30 jalqabee taphni Maanchiister Siitiin Istaadiyeemii Ithaaditti Cheelsii keessummeessu xiyyeeffannoo argateera.
Kilaboonni lamaan taphoota waliin taphatan 163 keessaa Cheelsiin yeroo 64 yoo injifatu, Siitiin yeroo 63 injifachuun, si’a 36 ammoo qabxii qooddataniiru.
Dilbata waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee Kiristaal Paalaas – Bireentifoord, Tootenhaam – Leestar Siitii waliin taphatu.
Akkasumas galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Astoon Viilaan – Weest Haam waliin yoo falmatu, halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee Fuulhaam Maanchiister Yuunaayitiid waliin morkiin godhan ni eegama.