Lammiileen Taayilaanditti mana hidhaa keessa turan 38 gara biyyaa deebi’an
Finfinnee, Amajjii 16, 2017 (FMC) – Lammiileen Itiyoophiyaa Taayilaanditti mana hidhaa keessa turan 38 gara biyyaa deebi’uu ibsame.
Lammiileen Itiyoophiyaa hojii barbaacha faddaaltoota seeraan alaa idil addunyaan gowwomfamanii gara Maayinaamaar fudhataman hojiin baraaruu hojjetamaa jiraachuun ibsameera.
Jilli Misiyoona Itiyoophiyaa Hindi Niwuudeelhiitti argamu gara Taayilaanditti ergamuun lammiileen kunneen akka gadi lakkifaman taasisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Lammiileen kunneen Maayinaamaaritti haala rakkisaa keessa erga turanii booda miliquun gara Taayilaandi seenanis sanada seera qabeessa dhabuu isaaniin hidhaaf saaxilamanii kan turaniidha jedhame.