Obbo Adam Faaraah sirna beekamtii fi galateeffannaa ‘Heer Iseen’ irratti hirmaachuuf Dirre Dhawaa galan
Finfinnee, Amajjii 17, 2017 (FMC) – Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah sirna beekamtii fi galateeffannaa ‘Heer Iseen’ irratti hirmaachuuf magaalaa Dirre Dhawaa galaniiru.
Seerri aadaa hinbarreeffamin hawaasa Isaa Somaalee “Heer Isee” jedhamuun beekamu walitti hidhamiinsaa fi obbolummaa ummattoota Itiyoophiyaa, Soomaaliyaa fi Jibuutii kan jabeessu ta’uun ibsameera.
Qaamolee Heer Isee’n Dhaabbata Aadaa, Saayinsii fi Barnootaa Mootummoota Gamtoomaniitti hambaa kiliyaa idil-addunyaa dhala namaa bakka bu’u ta’ee akka galmaa’uuf gumaachaniif sagantaan galateeffannaa fi beekamtii kennuu magaalaa Dirre Dhawaatti har’aa eegalee gaggeeffama.
#Oromiyaa #Ethiopia