Jimmatti Hojii Misooma Koriidariifi Haaroomsa Masaraa Abbaa Jifaar daawwaneerra _Aadde Adaanech
Finfinnee, Amajjii 18, 2017(FMC) -Qabeenya uumamaan badhaatuu Magaalaa seena-qabeetti Jimmatti hojii misooma koriidarii eegalamee fi haaroomsa Masaraa Abbaa Jifaar daawwaneerraa jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen.
Aadde Adaanech gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin, Mootummaan haaromsaa hambaalee fi hojii misooma koriidarii Finfinnee qofaatti osoo hin taane magaalota biyya biroottis eegaluun magaalota jiraattota isaaniif mijatoo fi qulqulluu akka ta’an akkasumas hawwattummaan tuurizimii isaanii akka dabalu hojiiwwan baay’ee hojjechuurratti argama jedhan .
keessuummaa simataa fi nagaa jaalataa uummata magaalaa Jimmaa fi naannawasaatiin baga gammaddaniis jedhaniiru.