Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ichi milkaa’inaan akka xumuramuuf qophii gahaan taasifamuu Humni Waloo beeksise

Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC)- Yaa’ii 38ffaan Gamtaa Afrikaa fi Walga’ii 46ffaan Mana Maree Hoji Raawwachiistuu gamtichaa milkaa’inaan akka xumuramuuf Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii Biyyaalessaa qophii gahaa taasisuun hojiitti seenuu beeksiseera.

Humnichi Waloo hanga ammaatti Magaalaa Finfinnee fi sadarkaa Biyyaalessaatti hojiileen nageenyaa hojjetaman milkaa’aa ta’uu gamaaggameera.

Yaa’ichi milkaa’inaan akka xumuramuuf loojistiksii fi humnoota nageenyaa heddumminaan bobbaasuu, teeknooloojiiwwan garaagaraan tumsamee hojiilee nageenyaa fi tasgabbii hojjechaa akka jiru himeera.

Hojiilee walitti fufiinsaan hojjetamaniin nageenyi Magaalaa Finfinnee amansiisaa akka ta’u mirkaneessuu ibsuun, kana keessatti hirmaananan hawaasaa olaanaa akka ture eereera.

Dabalataan sadarkaa biyyaalessaatti caasaaleen nageenyaa, nageenya naannawaalee hundaa mirkaneessuuf itti gaafatamaa fi dirqamaa isaa bahachaa akka jiru eereera.

Keessummoonni akkaataa aadaa fi duudhaa Itiyoophiyaan keessummaa’anii, turtii isaaniin wayita naannawaa garaagaraatti socho’an, hoteela buufatanirraa gara galma walga’iitti imalan, ummanni abbummaan gahee lammummaa irraa eegamu akka bahatu, qaamolee nageenyaafis tumsa qajeelaa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu Humnichi Waloo waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.