Riifoormiin diinagdee Gooroo rakkoolee ijoo diinagdee furuu ibsame
Finfinnee, Guraandhala 3, 2017 (FMC) – Riifoormiin Diinagdee Gooroo Mootummaan hojiirra oolche rakkoolee ijoo diinagdee biyyattii furuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.
Gamaaggamni raawwii hojii Baatiwaan jahan darbanii Ministeera Maallaqaa fi dhaabbilee waamamtootaa gaggeeffameera.
Riiroormiin Diinagdee Gooroo Guutuun hojiirra oole bu’aa qabatamaa argamsiisuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsaniru.
Bara baajataa hafe kana keessa raawwii imaammata Taaksii, qabeenya Alaa walitti qabuu, raawwii hammattoo ce’umsa idaa waloo, bulchiinsaa fi to’annoo maallaqa callaa fi qophii baajataarratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.
Baatiwwan jahan darban keessa karaa waldubbisee fi qindoomina qabuun Riifoormii Diinagdee Gooroo Guutuu hojiirra oolchuun rakkooleen diinagdee ijoo ta’an furamuu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi dubbataniiru.
Hoggansii fi Hojjetaan qindoominaan hojjechuun bu’aa abdii qabeessi kun akka galmaa’u gargaaruu kaasaniiru.
Hojiin qindoomina qabu kun cimee itti fufuu akka qabu hubachiisuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia