Godinaalee fi Magaaloota Oromiyaa hundatti Waltajjiin gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) –Godinaalee fi Magaalota Naannoo Oromiyaa hundatti waltajjiin kallattiiwwanii fi murtoo yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaan kaa’aman hojiirra oolchuu irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.
Imala yaa’ii hanga yaa’iitti tureen milkaa’inootaa fi hanqinaalee turan qorachuun murtoo fi kallattiiwwan waggoota itti aanaaniif kaa’aman hojjiirra oolchuun hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan caalmaatti raawwachuun galmoota imala badhaadhinaa dhugoomsuuf kan hojjetamu ta’uun ragaan BKO irra argame ni mul’isa.