Fana: At a Speed of Life!

Boordichi Sochii Siyaasaa ABUT dhorke

Finfinnee, Guraandhala 6, 2017 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Sochii Siyaasaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraayi dhorkeera.

Boordichi ibsa baaseen ABUT Hagayyaa darberraa eegalee ragaan seeraa qabeessummaa kennameefii turuu yaadachiiseera.

Paartichi guyyaa galmaa’erraa eegalee baatiiwwan ja’a keessatti yaa’ii waliigalaa gaggeessuu, hoggantoota paartichaa filachiisuu akkasumas yaa’iin waliigalaa paartichaa gaggeeffamuun dursee Boordii Filannoo Biyyaalessaaf beeksisuun irraa eegama ture jedheera.

Ta’us, paartichi qajeelfamoota ragga’an osoo hinraawwatiin yeroo baatii ja’aa seeraan kennameef xumuramuurraan, Paartichi baatiiwwan sadiif sochii siyaasa kamuu akka hintaasifne dhorkuu beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.