Xannachi kiloo giraama 12 ulfaatu wal’aansaan baafame
Finfinnee, Guraandhala 7, 2017 (FMC)- Hospitaala Jalqabaa Hoolataatti Xannachi kiilo giraama 12 ulfaatu tajaajila baqaqsanii wal’aanuu haadhaa tokkoo keessaa baafame.
Xannachichi erga baafamee haati kun haala fayyaa gaariirratti akka argamtu Hospitaalichatti Ispeeshaalistiin Ulfaa fi Gadaameessaa Dooktar Shuumii Damissee ibsaniiru.
Dabalataan ulfaatinni haadha kana sirraa’uu himanii, namoonni mallattoon dhibee kanaa irratti mul’atu yeroon gara mana yaalaa deemuu akka qaban dhaamuu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia