Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbileen Veetinaam Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka hirmaatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Dhaabbileen Veetinaam Itiyoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka hirmaatan Ministeerri Dhimma Alaa waamicha dhiyeesse.

Mariin siyaasaa waloo Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Sooshaalistii Veetinaam yeroo jalqabaaf Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeerichaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan maricharratti riifoormiin diinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu carraa invastimantii mijataa waan uumeef, dhaabbileen Veetinaam akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.

Itiyoophiyaan muuxannoo misooma indaastirii saffisaa Veetinaam irraa qooddachuuf fedhii akka qabdus ibsaniiru.

Ministirri Ittaanaa Ministeera Dhimma Alaa Veetinaam Niyan Miin Heen gama isaaniin biyyi isaanii hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu daran cimsuuf kutannoo akka qabdu ibsaniiru.

Biyyoonni kunneen waltajjiiwwan biyyoota hedduu fi tumsa Kibbaa fi Kibbaatiin hariiroo damee hedduu isaanii daran cimsuuf waliigalaniiru.

Itiyoophiyaa fi Veetnaam bara dhufu waggaa 50ffaa hariiroo dippilomaasii isaanii itti eegalan kan kabajan ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.