Yuuniversiitii Jimmaatti Tola ooltoota kuma 1 oliif leenjiin kennamuu eegale
Finfinnee, Guraandhala 27, 2017 (FMC) – Ministeerri Nageenyaa marsaa12ffaa Tola Ooltoota Kuma1oliif Yuuniversitii Jimmaatti leenjii kennuu eegale.
Leenjichi mata duree “Nageenyi waloomaaf” jedhuun guyyoota 25’f kennama jedhame.
Ministeerri Nageenyaa waggoottan shanan darban dargaggoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo adda addaarraa eebbifaman hojii Tola Ooltummaarratti akka hirmaatan leenjii namuusaa, ogummaa fi kalaqaa kennaafii turuun ibsameera.
Leenjitoonni kunneenis tajaajila tola ooltummaa biyyaalessarratti akka bobba’an hojjetamaa jiraachuus himameera.
Guyyaa har’aas marsaa 12ffaaf Yuuniversiitii Jimmaa dabalatee dhaabbilee Barnoota olaanoo birootti dargaggoonni kumni 3 fi 366 leenjii eegaluu ragaan Minsiteera Nageenyarraa argame ni mul’isa.
Alidaan Mohammaditu gabaase.