Hojiin eeggattummaa hambisuuf hojjetame bu’aa qabatamaa galmeessise- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Hojiin eeggattummaa hambisuuf hojjetame bu’aa qabatamaa galmeessisuu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Hojiileen qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu, carraa hojii ogummaan deeggarame guddisuufi eeggattummaa hambisuuf hojjetamaa jiran bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Obbo Adam Faaraah eeraniiru.
Gamaaggamni raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii Paartii Badhaadhinaa guyyaa 2ffaaf gaggeeffameera.
Hojiileen qaala’iinsa jireenyaa tasggabbeessuu, carraa hojii ogummaan deeggarame guddisuu akkasumas eeggattummaa hambisuuf hojjetamaa jiran irratti mariin taasifamuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
Qaala’iinsa jireenyaa to’achuun, dhiyeessii oomishaa guddisuuniifi gabaa tasgabbeessuun akkasumas oomishtootaa fi shammattoota walitti fiduun hojiin milkaa’ina qabu hojjetamuu kaasaniiru.
Inisheetiiviiwwan sadarkaa biyyaalessaatti bocamuun gara hojiitti galaman oomishaafi oomishtummaa dabaluu keessatti qooda olaanaa bahachuu dubbataniiru.
Gama carraa hojii ogummaan deeggarame uumuutiinis jijjiiramni qabatamaan mul’achuu kaasuun, lammiilee hedduuf carraan hojii dhaabbii uumamuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia