Fana: At a Speed of Life!

Lallaba Wangeelaa Finfinneetti biorurraa eegalee gaggeeffamuuf daandiiwwan konkolaattotaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Guraandhala 28, 2017(FMC) – Lallaba Wangeelaa Manni Maree Manneen Amantaa Amantoota Wangeelaa Itiyoophiyaa fi Waldaan Wangeelaa Biilii Giraam waliin ta’uun  Guraandhala 29 fi 30/2017 Addabaabaayii Masqalaatti  gaggeessan  hordofee Poolisiin Magaalaa Finfinnee Daandiiwwan Konkolaattotaaf cufaa ta’an ifoomseera.

Haaluma Kanaan:-

. Daandiin Olompiyaarraa Addabaabaayii Masqalaa geessu Addabaabaayii Olompiyaa irratti

.Addabaabaayii Xilaahuunii gara Addabaabaayii Masqalaa Geessu Ibsaa Saanjiiseef irratti

. Ibsaa Lagahaar irraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Ibsaa Lagahaar irratti

. Teelee Maaquwaarecaarraa gara Isteediyeemii kan geessu Teelee Maaquwaarecaarratti

. Ibsaa Harraambeerraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Ibsaa Harraambeerratti

.Masaraa Biyyaalessaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Masaraa Biyyaalessaarratti

. Addabaabaayii Uuraa’el irraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Baambiisi marfata Hospitaala Maqraz irratti kan cufamu ta’uu ibsameera.

Daandiiwwan kunneen guyyoota lameenuu guyyaa guyyaa sa’aatii 5:00 irraa eegalee hanga sagantichi xumuramutti kan cufamu ta’uu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.