Fana: At a Speed of Life!

Dhaloonni ammaa ogummaa qofaan Itiyoophiyaa ijaaruu danda’a- Aadde Muufariyaat Kaamiil

Finfinnee, Bitootessa 1, 2017 (FMC) – Dhaloonni ammaa wareegama lubbuu kaffaluun osoo irraa hin eegamiin ogummaa qofaan Itiyoophiyaa ijaaruu akka danda’u Ministirri Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kaamiil ibsan.

Aadde Muufariyaat Kaamiil agarsiisaafi waltajjii marii ‘Ogummaa Waa’ee Itiyoophiyaa’, Dhaabbata Pireesii Itiyoophiyaan qophaa’e bananiiru.

Dhaloonni ammaa wareegama lubbuu kaffaluun osoo nurraa hin eegamiin ogummaa keenya qofaan Itiyoophiyaa ijaaruu ni dandeenya jedhaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Dooktar Tashaalaa Bareechaan gamasaaniin, ogummaa qulqullina qabu lammiileen gahuufi gara gabaatti jijjiiruuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Indaastiriiwwaniifi damee dhuunfaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun, leenjii ogummaan deeggarame dhugoomsuuf hammattoon seeraa qaamolee qooda fudhattoota garaagaraa waliin hojjechuu dandeessisu qophaa’uu eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.