Baaburri Itiyoo-Jibuutii fayyadamaa sarara elektirikaa kallattii ta’e
Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Baaburri Itiyoo-Jibuutii fayyadamaa sarara elektirikaa kallattii ta’uu Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise.
Tajaajilichi Baabura Itiyoo-Jibuutiif humna elektirikaa amansiisaa dhiyeessuuf baasii Birrii miiliyoona 39n sarara elektirikaa kallattii diriirsuu ibseera.
Baabura Itiyoo-Jibuutii Kanaan dura rakkoon adda ciciituu elektirikaa isa mudachaa turuufi yeroo ammaa sararri elektirikaa kallattii waan diriirfameefiif hawaasni tajaajila geejjibaa amansiisaa akka argatu taasisuu eerameera.
Sararri elektirikaa kallattii kun buufata baaburaa Anolee jedhamu fayyadamaa kan taasisu ta’uu ragaan Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.