Manni Maree naannichaa yaa’ii idilee gaggeessuu eegale
Finfinnee, Bitootessa 15, 2017 (FMC) – Manni Maree Naannoo Gaambeellaa yaa’ii idilee 7ffaa bara hojii 4ffaa magaalaa Gaambeellaatti gaggeessuu egaleera.
Manni Marichaa gabaasa raawwii walakkaa waggaa bara 2017 dameelee misoomaa fi bulchiinsa gaarii ,manneen murtii fi hojiilee Oditaraan hojjetaman dhaggeeffachuun murtoo ni dabarsaan eegama.
Dabalataniis wixineewwan labsii garaagaraarratti mari’achuun fi murtoowwan kan dabarsu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.