Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Siwiidiin tumsa waloo cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 17, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Siwiidiin tumsa misoomaa fi hariiroo waloo caalmaatti guddisuuf waliigalaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samariitaa Sawaasaw Ministira Alaa Siwiidin Diyaanaa Jaansee fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Siwiidiin Haansi Heenriik waliin mari’ataniiru.

Tumsa damee diinagdee fi hariiroo waloo biyyoota lamaanii dhimmoota caalmaatti guddiisanirratti mari’achuu eerameera.

Guddina diinagdee Itiyoophiyaa deeggaruu dabalatee walitti hidhamiinsa daldalaa uumuun barbaachisaa ta’uu marii isaaniin kaasaniiru.

Dhaabbileen Siwiidiin carraalee misooma Invastimantii Itiyoophiyaan qabdurratti akka hirmaatan waamichi dhiyaachuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.