Hundeeffama Shaggariin booda walga’iinsi bu’uuraalee misoomaa fooyya’e – Jiraattoota
Finfinnee, Bitootessa 19, 2017 (FMC) – Hundeeffama Magaalaa Shaggariin booda walga’iinsi bu’uuraalee misoomaa fooyya’uu jiraattotni kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee ibsan.
Waggoota lamaan dura rakkooleen bu’uuraalee misoomaa cimaan turuu kan ibsan jiraattonni kutaa magaalicha, amma hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hedduun hojjetamuu himaniiru.
Daandiin keessa keessaa, Dhagaan Koobilii, Daandiin Cirrachaa, Aspaaltii, Boo’ii lolaa fi riqichiwwan dabalatee bu’uuraaleen misoomaa biroon rakkoo jiraattotaa furan hojjetamuu kaasaniiru.
Sosochiin hojiilee misoomaa jajjabeessaa fi abdii namatti horan eegalamuu jiraattonni kunneen Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Jijjiiramni jiru gaarii ta’uu eeruun, gama dhiyeessa tajaajila Elektirikaa fi Bishaan dhugaatiin garuu rakkoon jiraachuu himaniiru.
Bishaan torbeetti guyyaa tokko qofa argachaa jiraachuu ibsuun, guyyaa sanayyuu sirnaan walhingahu jedhan.
Bulchiinsi magaalichaa hanqina dhiyeessa Bishaan dhugaatii fi Tajaajila Elektirikaa akka furuuf gaafataniiru.
Hojiileen bu’uuraalee misoomaa aanaalee kutaa magaalichaa hunda keessaa bifa walfakkaatuun hojjetamaa jiraachuu Hojii Gaggeessaan Mana Qopheessaa Kutaa Magaakaa Kooyyee Faccee Obbo Kiflee Waareen himaniiru.
Waggoottan lamaan darban keessa Piroojektoonni misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan 35 hojjetamuu eeraniiru.
Baajata Mootummaan Daandiin gosa adda addaa Kiiloo meetirri 14.8 fi hirmaannaa ummataan daandii haaraa saaquu fi suphaan kiiloo meetirri 62 raawwatamuu dubbataniiru.
Boo’iin Lolaa baajata mootummaan Kiiloo meetirri 2.1 fi hirmaannaa ummataan ammoo kiiloo meetiirri 1.5 hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Ammatti rakkoo guddaan magaalichaa hanqina Bishaan dhugaatii fi tajaajila elektirikaa ta’uu dubbataniiru.
Rakkicha hiikuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Obbo Kifleen dubbataniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia