Ayyaanni Fichee Cambalaalaa kabajamaa jira
Finfinnee, Bitootessa 19, 2017(FMC) – Ayyaanni bara haaraa Ummata Sidaamaa Fichee Cambalaalaan Magaalaa Hawaasaa Gudumaaleetti kabajamaa jira.
Kutaaleen hawaasaa hedduun sirnicharratti hirmaachaa jiru.
Kaleessa jala bultiin kan jalqabe kabajni ayyaanichaa har’a sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.
Pireezidaantii naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leeddaamoo, Pireezidaantoonni naannolee biroo, ministiroonni, hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi keessummoonni waamichi taasifameef kabaja ayyaanicharraatti argamaniiru.
Birhaanuu Bagaashawuu fi Taammanaa Araggaatu gabaase.
#Oromia #Ityoophiyaa