Fana: At a Speed of Life!

Koollejjiin Fayyaa Barkumee Hospitaala Qulqulluu Phaawuloos barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa ture 312 eebbisiise

Finfinnee, Bitootessa 28, 2017 (FMC) – Koollejjiin Fayyaa Barkumee Hospitaala Qulqulluu Phaawuloos barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa ture 312 marsaa 12ffaaf eebbisiiseera.

Eebbifamtoota keessaa 117 dubartootaa yoo ta’an 195 ammoo dhiiroota ta’uun eerameera.

Koollejjichi barattoota barnoota isaanii Ispeeshaaliiltii, gariin Ispeeshaalii fi sagantaa digirii 2ffaan hordofaa turan har’a bakka Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa dabalatee hoggansi Hospitaalichaa fi keessummoonni waamichi godhameef argamanitti eebbisiiseera.

Eebbifamtioonni ogummaa barataniin hawaasa isaanii haqummaan akka tajaajilan Dooktar Maqdas dhaamuu TOI gabaasera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.