Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Yaa’ii Gamtaa Paarlaamaa Idil-addunyaa irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Jilli garee Paarlaamaafi Mana Maree Federeeshinii Itiyoophiyaa Yaa’ii Gamtaa Paarlaamaa Idil-addunyaa 150ffaa Uzeebekistaan magaalaa Taashkaantitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.

Waltajjicharratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun haasawaa kan taasisan Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Agenyehu Tashaagar, Itiyoophiyaan gamticha waliin michummaa qabdu cimsitee itti fufuuf murannoo qabaachuu ibsan.

Milkaa’ina galmoota misoomaaf qaamoleen dhimmi ilaallatu tumsa idil-addunyaa akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.

Itiyoophiyaan nageenyaafi badhaadhina sadarkaa biyyaalessaatti qofa osoo hin taane sadarkaa idil-addunyaatti dhugoomsuuf karoora misoomaa biyyaalessaa galmoota misoomaa waaraa 2030 fi ajandaa Afrikaa 2063 waliin walsimu baasuun hojjechaa jirti jedhan.

Waggoottan darban galmoota misoomaa idil-addunyaa milkeessuun guddina olaanaa galmeessisaa akka jirtu ibsaniiru.

Kana malees dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf biqiltuuwwan biiliyoona 40 ol dhaabuun Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka milkaa’uuf hojjechaa turuu ibsuu isaanii ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.