Fana: At a Speed of Life!

Tiraakteroonni kumni 1 fi 402 Qonnaan Bultootaa fi Waldaalee IMX’f dabarfaman

Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Tiraakterota kuma 1fi 402 qonnaan bultootaafi Waldaalee IMX’f dabarseera.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Magaalaa Shaashamanneetti argamuun Tiraakteroota kanneen qonnaan Bultootaa fi Waldaalee IMX’f kennaniiru.

Mootummaan, Qonna gateettii qotiyyoo irraa buusuu fi qonnaan bulaan mala ammayyaan oomishatee akka calleeffatuuf, teeknooloojiiwwan qonnaa gosa garaagaraa dhiyeessuun hojiiwwan hedduu hojjechaa jira.

Jijjiiramaan as mootummaan hudhaawwan misooma qonnaa danqan irratti tarkaanfilee Sirreeffamaa fudhachaa jiraachuu himameera.

Guyyaa har’aas Magaalaa Shashamanneetti Tiraaktaroonni ammayyaa kumni 1 fi 402 bakka Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaafi hooggansi olaanoon argamanitti qonnaan bultoota,yuuniyeenota,Waldaalee Bu’uraafi IMX’f dabarfamanii kennamaniru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.