Inisheetiviin makaanayizeeshinii jiruu fi jireenya qonnaan bultootaa jijjiiraa jira – Obbo Addisuu Araggaa
Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Inisheetiviin makaanayizeeshinii qonnaa jiruu fi jireenya qonnaan bultootaa jijjiiraa jiraachuu Sadarkaa Pireezidantii itti aanaatti Qindeessaan Kilaastera Baadiyyaa obbo Addisuu Araggaan himan.
Mootummaan naannoo Oromiyaa cabiinsa dinagdee hambisuuf inisheetivoota 30 qorate hojjechaa jirachuu obbo Addisuun ibsaniiru.
Inisheetiviiwwan qorataman keessaa makaanayizeeshiniin ifaajee qonnan bultoota hambisuun oomishaa fi oomishtummaa qonnan bultoota akka dabalu, wabiin midhaan nyaata akka mirkaana’uu, alergii guddisuu fi oomishaa biyya alaatti galan kan biyya keessattin bakka buusuu fi dargaggootaf carraa hojii uumaa jiraachuu himaniiru.
Buu’aan oomishaa qonna dabaluun hawaasni waanjoo hiyyummaa jala akka bahu gumaacheera jedhan.
Dargaggootni tarsiimoo kanarraa adda durummaan fayyadamaa jiraachuu eeraniiru.
Miidhaksa Qachaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia