Finfinnee giddugala indaastirii gochuuf kalaqa jajjabeessaafi oomishtoota deeggaraa jirra- Aadde Adaanech Abeebee
Finfinnee, Bitootessa 29, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinnee giddugala indaastirii gochuuf hojiin kalaqa jajjabeessuufi oomishtoota deeggaruu hojjetamaa jiraachuu Kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Agarsiisni sadarkaa magaalaa indaastiriiwwan oomishaa “Itiyoophiyaa-Finfinneen Haa Oomishtuu 2017” Giddigala Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti guyyaa har’aa banamuu ibsaniiru.
Dameewwan diinagdee dursi kennameef keessaa dameen indaastirii oomishaa tokko ta’uu ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin eeraniiru.
Magaalaa Finfinnee giddugala indaastirii gochuuf kalaqa jajjabeessuun, oomishtoota deeggaruun, faayinaansii dhiyeessuun, iddoowwan hojii mijeessuun, bu’uuraalee misoomaa guutuun, akkasumas leenjiiwwan ogummaa kennuun hojiilee hedduun hojjetamaa jiru jedhan.
#Oromia #Ethiopia