Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyiin Kominikeeshinii biyya tokkummaan cimte ijaaruu keessatti qooda isaanii akka bahatan gaafataman

Finfinnee, Bitootessa 30, 2017 (FMC) – Ogeeyyiin Kominikeeshinii biyya tokkummaa sabdanessaan cimtee ijaaruu keessatti gaheen qaban olaanaa ta’uu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Hariiroo ummataa fi Idil Addunyaa Giddugala Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Dooktar Biqilaa Hurrisaan ibsan.

Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Hoggantootaa fi Ogeeyyii caasaalee Kominikeeshinii Mootummaa magaalootaa fi naannooleef leenjii kennaa jiraachuun ibsame.

Leenjichi mata duree” Kominikeeshinii kaayyorratti xiyyeeffate guddina Itiyoophiyaaf “ jedhuun kennamaa jiraachuun eerameera.

Leenjicharratti Dooktar Biqilaan barreeffama mata duree “ijaarsa Seneessa waloo fi gahee ogeeyyii kominikeeshinii“jedhuu dhiyeessuu ragaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaarraa argame ni mul’isa.

Wayita kanatti Dooktar Biqilaan ogeeyyiin kominikeeshinii ummata gidduutti walitti dhufeenya uumuu fi duudhaalee waloomaa guddisuun biyya tokkummaa sabdanessuummaa ishee cimte ijaaruu keessatti gaheen olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Kominikeeshiniin kaayyorratti xiyyeeffate guddina Itiyoophiyaa himuun xiyyeeffannoo caasaa kominikeeshinii ta’uu akka qabu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaan himaniiru.

Caasaan kominikeeshinii filannoowwan miidiyaa fi qunnamtii hunda fayyadamuun seenessa waloo biyyaalessaa ijaaruu,Imaammata Mootummaa fi tarsiimoo beeksisuun gahee isaa akka bahatu hubachiisaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.