Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Neezerlaand waliin mari’atan
Finfinnee, Eebila 1 , 2017 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Neezerlaand Kiristiin Pireen waliin mari’ataniiru.
Mariisaaniin, haala hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuun danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
Kana malees raawwii waliigaltee nagaa Piriitooriyaafi haala nageenyaa naannawaa irratti Dooktar Geediyoon Ambaasaaddar Kiristiiniif ibsa kennaniiru.
Fooyya’iinsi diinagdee mootummaan taasise invastimantiif carraa gaarii uumuus ibsaniiru.
Carraa kana fayyadamuuf abbootiin qabeenyaa Neezerlaand hirmaannaa hojiilee invastimantii Itiyoophiyaatti taasisan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.
#Oromia #Ethiopia