Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Taayyeen Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 1 , 2017 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf waliin mari’ataniiru.

Nagaa fi tasgabbii waaraa naannawichatti mirkaneessuu haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

keessattuu tattaaffii Gamtaan Afrikaa walitti bu’iinsa Sudaan, Sudaan Kibbaa fi Rippabliika Dimookiraataawaa Koongootti uumaman furuuf taasisaa jiru maricharratti kaafameera.

kana malees haaromsa dhaabbilee Gamtaa Afrikaa keessatti taasifamaa jirurratti mari’achuu ragaan Gamticharraa argame ni mul’isa.

Pireezidaanti Taayyeen, Mahaammad Alii Yusuuf murannoo naannawichatti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uu fi tumsa hundagalessa taasisaa jiraniif galateeffataniiru.

Mahaammad Alii Yusuuf gamasaaniin, Itiyoophiyaan dhimmoota barbaachisoo ijoorratti gumachaa taasisaa jirtuuf dinqisifataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.