Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi hojiirra oolmaa Sagantaa fooyya’iinsa diinagdee gooroof itti gaafatamummaa isaa haalaan bahachaa jira jedhame

Finfinnee, Eebila 1, 2017(FMC)- Ministeerri Maallaqaa hojiirra oolmaa sagantaa fooyya’iinsa diinagdee gooroof itti gaafatamummaa isaa haalaan bahachaa jiraachuu obbo Ahimad Shideen ibsan.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bajataafi Faayinaansii raawwii karoora baatiiwwan 8 darban ministeerichaa gamaaggameera.

Imaammata Fiiskaalaa haalaan hojiirra oolchuun qaala’iinsa gatii tasgabbeessuuniifi galteewwan bu’uuraaf deeggarsi Birrii biiliyoona 300 ol taasifamuu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shideen ibsaniiru.

Faayinaansii mootummaa haalaan bulchuun sagantaan fooyya’iinsi diinagdee gooroo bu’aa qabeessa akka ta’uuf dhaabbatichi gaheesaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny gamasaaniin, Imaammata Fiisikaalaafi faayinaansii mootummaa hojiirra oolchuun dhaabbatichi baatiiwwan 8 darban saffisa guddina qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf hojiilee hedduu hojjechuu dubbatan.

Gama argannoowwan oodiitiirratti tarkaanfii barbaachisaa fudhachuunis hojiileen garaagaraa hojjetamuu kaasaniiru.

Bara 2018’tti fooyya’iinsi diinagdee gooroof cimee akka itti fufuufi saffisa qaala’iinsa gatii gadi buusuuf tattaaffiin kan taasifamu ta’uu ibsuusaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.