Sirna hojimaata diijitaalaa diriirsuun hojii foyya’aan hojjetamuun ibsame
Finfinnee, Ebla 5, 2017(FMC) – Baatiiwwan saglan Bara baajetaa kanatti gama sirna hojimaata diijitaalawaa bal’isuu fi humna namaa ga’umsa qabu horachuun hojiin fooyya’aan hojjetamuu Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Doktar Ballaxaa Mollaan ibsan.
Dooktar Ballaxaan raawwii karoora guyyoottan 100 baatiiwwan salganii fi raawwii dinagdee gooroo baatiiwwan salgan darbanii ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Dijiitaalaayzeeshinii babal’isuun, bu’uuraaleen misoomaa akka babal’atan gochuun, sirna hojimaata ammayyaa’aa diriisuun, gama carraa hojii uumuunis innooveeshinii babal’isuun ergama Ministeerichaa akka ta’an eeraniiru.
Kanaanis damee dhuunfaa waliin tumsuun hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa turuu kaasanii, damee diijitaalaan jijjiiramoonni galmaa’aa jiraachuu dubbatan.
Teelee Birrii dabalatee diinagdee diijitaalaan baatiiwwan 9 darban Birriin biiliyoona 800 ta’u sochoosuun danda’amuu kaasaniiru.
Sirna diijitaalaa diriirsuun baasii guddaa maallaqa maxxansiisuuf oolu baraaruun danda’amuu dubbataniiru.
Gama misooma humna namaatiinis inisheetiinvii koodaroota miiliyoona 5’n baatii Adoolessaa darberraa eegalee Itiyoophiyaanonni kumni 600 fi kumni 88 leenjii fudhachaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana keessaas Itiyoophiyaanonni kumni 2 fi kumni 70 leenjicha xumuruun sertefikeetii idil-addunyaa argachuu himaniiru.
Kunis ijaarsa diinagdee diijitaalaa dhugoomsuuf shoora olaanaa qaba jedhan.
Damichaan bu’aa caalu galmeessisuuf tarsiimoowwan haaraa bocuun hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.