Fana: At a Speed of Life!

Piroojektoonni misooma jallisii karoora qabameen hojjetamaa jiru- Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) – Hojiileen piroojektoota misooma jallisii karoora qabameen hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Jallisiifi Naannawaa Gammoojjii Dooktar Abrahaam Balaay ibsan.

Gamaaggamni raawwii karoora baatiiwwan 9 darbanii bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti geggeeffameera.

Damee misooma jallisiin baatiiwwan 9 darban raawwii gaariin galmaa’uu Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.

Jijjiirma biyyaalessaa dura piroojektoonni jallisii yeroo dheeraaf harkifachaafi hawaasa biratti komee kaasaa turuu yaadachiisaniiru.

Riifoormii gaggeeffameen bulchiinsaafi raawwii piroojektootaa fooyyessuun jijjiiramni olaanaan dhuufuu ibsanii, bara baajataa kanattis piroojektoonni misooma jallisii akkaataa karoora qabameefiin raawwatamaa jiraachuu kaasaniiru.

Piroojektiin jallisii Walmal baatii dhufu eebbifamuun gara hojiitti kan galu ta’uu fi piroojektii Hidha Kasam xumuruufis hojjetamaa jira jedhan.

Yeroo itti aanutti milkaa’ina argame itti fufsiisuun bu’aa olaanaa galmeessisuuf murannoon kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.

Piroojektoonni akka hin miidhamneefi hin harkifanneef naannoleefi hawaasni qindoominaan hojjechuu akka qaban ibsuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.