Guddina diingadee tajaajila Geejjibaa si’ataan saffisisuuf hojjetamaa jira- Dooktar Alamuu Simee
Finfinnee, Ebla 6, 2017(FMC)- Guddina diingadee Itiyoophiyaatti galmaa’e tajaajila geejjibaa fi loojistiksii si’ataan saffisisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen ibsan.
Gamaaggama Raawwii hojii baatiiwwan sagalii tibbana geggeeffame ilaalchisuun Dooktar Alamuu Simee ibsa kennaniiru.
Ministirichi ibsa isaaniin meeshaaleen kaappitaalaa dameewwan indaastirii fi qonnaaf oolan dabalatee hammi meeshaalee gara biyyaa seenanii baay’ee guddachuu dubbataniiru.
Xaa’oo bara oomishaa kanaaf barbaachisu keessaa kuntaalli miiliyoonni 10 gara biyyaatti geejjibsiifamuu ibsan.
Riifoormii Dinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtuun meeshaaleen gara alaatti ergamanis jijjiirama guddaa argisiisuus ibsaniiru.
Ministeerichi hojii fedhii hamma fe’iinsaa dabaluu ibsaniiru.
Kanaanis humna jiru fayyadamuun damichatti si’oomina tajaajilaa guddisuun akka danda’ames kaasanii, dandeettii baaburaa fi konkolaachistootaa guddisuun bu’aaleen galmaa’an akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Daandiin xiyyaaraa Itiyoophiyaa fi Geejibnii fi Loojistiksiin Galaanaa Itiyoophiyaa damee loojistiksii fi oomishaalee ba’ii fi galii irratti bu’aa argame keessatti ga’ee guddaa qabaachuus ibsaniiru.
Xaa’oos yeroodhaan qonnaan bulaa biraan ga’uuf hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.
Gama kanaanis bara oomishaa kanatti hanga ammaatti xaa’oon miliyoonni 10 gara biyyaatti geejjibsiifamuu himaniiru.
Kunis karoora kuntaala miliyoona 24 qabamee keessaa %42 ta’u himaniiru.
Damee geejjibaa gos-hedduunis hojiin Geejjibaa fi Looistiksii Galaanaa Itiyoophiyaa qofaan hojjetamaa ture, dhaabbilee dhuunfaa ja’aaf eeyyama kennuun humna geejjibaa fi loojistiksii fooyyessuun danda’amuus ibsaniiru.
Hojimaata ammayyeessuuf walga’iinsa eenyummeessaa waraqaa Eenyummaa dijiitaalaa fi tajaajila elektirooniksii babal’isuun, naannawaa hojii miijataa uumuu fi humna guddisuun ji’oottan itti aanaan kan raawwataman ta’uus ibsaniiru.