Fana: At a Speed of Life!

Du’aatii Haadholii fi Daa’immanii ittisuun jijjiiramni qabatamaan galmaa’eera –Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) –Baatiiwwan saglan darban du’aatii Haadholii fi Daa’immanii ittisuun jijjiiramni qabatamaan galmaa’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsan.

Gamaaggamni raawwii karooraa baatiiwwan saglan darbanii bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamuun ni yaadatama.

Ministirri Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan hojiilee Ministeerichatti baatiiwwan saglan darban raawwatamanirratti ibsa kennaniiru.

Haaluma kanaan karoorrii qabaman sirnaan hojirra ooluu ibsuun, du’aatii haadholii fi daa’imannii hir’isuuf hojii hojjetameen jijjiiramni jiraachuu dubbataniiru.

Dhaabbilee fayyaa dhaqqabamaa taasisuu, kenninsa tajaajila fooyyeessuu fi bu’uuraalee misoomaa guutuun milka’inoota waggoottan darban keessa argaman ta’uu kaasaniiru.

Keessattuu xiyyeeffannoo kunuunsa fayyaa sadarkaa jalqabaaf kennameen hawaasni tajaajila dhiheenyatti akka argatu kan taasiseera jedhan.

Hojii ogeeyyii, dhaabbilee fayyaa fi dhiyeessii galtee walitti simsuun hojjetameen du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuu irra darbee fayyaa hawaasaa eeguun danda’amuu himaniiru.

Tajaajila Inshuraansii fayyaa babal’isuun hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuus ibsaniiru.

Galteewwan fayyaa oomishaalee biyya keessan bakka buusuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu ibsuun, rakkoo dhiyeessii dhaabbilee fayyaa furuuf hojii hojjetameen bu’aan gaariin argamuus dubbataniiru.

Akkasumas dhabbileen fayyaa adda baafaman 19 guutuumatti Diijitaala ta’uu kaasaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.