Magaaloota 63 keessatti Misoomni Koriidarii gaggeeffamaa jira- Aadde Caaltuu Saanii
Finfinnee, Ebla 6, 2017 (FMC) –Misoomni Koriidarii magaalaa Finfinneetti eegalame yeroo ammaa magaaloota 63 keessatti gaggeeffamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsan.
Gamaaggamni raawwii karooraa baatiiwwan saglan darbanii bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.
Yaadama Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin magaalonni heddu jireeyaaf mijaattuu fi giddugala oomishaa ta’a jiraachuu dubbataniiru.
Baatiiwwan saglan darban Ministeerichatti hojiileen hojjetamaniin bu’aan gaariin galmaa’uu kaasaniiru.
Deeggarsaa fi Hoggansa Ministirri Muummee Dooktar Abiy kennanii fi hirmaannaa ummataan raawwiin karooraa olii galmaa’uu dubbataniiru.
Misooma koriidariin magaalonni hedduu bu’uuraalee misoomaa fooyyessuun fayyadamummaa hawaasummaa fi diinagdee hirmaachiisaa mirkaneessaa jiraachuu ibsaniiru.
Muxannoo magaalaa Finfinneerraa argameen yeroo ammaa magaaloota 63 keessatti misoomni koriidarii bal’inaan hojirra oolaa jiraachuus eeraniiru.
Misooma koridariin daandii konkolaataa, miilaa fi biskileetii, ibsaa fi bu’uuraalee misoomaa tajaajila biroon ummataa fayyadamoo taasisaa jiraachuu kaasaniiru.
Kunis mootummaan misooma haqa qabeessa gama hundaan dhaqqabamaa taasisuuf imala eegale kan milkeessuudha jedhan.
Misoomni koridarii magaalota wiirtuu kalaqaa, qorannoo fi yaada haaraa maddisisuurran darbee bituurraa gara oomishuutti akka ce’aniif carraa uumuus ibsaniiru.
Uwwisni magariisaa magaalaa %5 irraa gara %22tti ol guddachuu ibsuu TOI gabaaseera.