Taphoonni deebii nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’aa eegaluun taphatamu
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Taphoonni deebii nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’aa eegaluun kan taphataman yoo ta’u, Boorushiyaa Doortimand Baarseloonaa, Astoon Viilaan ammoo PSG waliin taphatu.
Har’a halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Boorushiyaa Doortimand Baarseloonaa waliin yoo falmatu, Astoon Viilaan ammoo PSG waliin morkiin taasiisu ni eegama.
Tapha nuusa xumuraa marsaa jalqabaan Baarseloonaan galchii 4 fi 0n Boorushiyaa Doortimand, PSG ammoo galchii 3 fi 1n Astoon Viilaa injifachuun kan yaadatamuudha.
#Oromia #Ethiopia