Itiyoophiyaafi Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa qonnaarratti tumsa isaanii cimsuuf waliigalan
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaafi Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa qonnaafi dhimmoota nyaataa irratti tumsa isaanii cimsuuf waliigalan.
Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaariitaa Sawaasawu fi Dhaabbata Nyaataa Addunyaatti Daayrektarri Nyaataafi Qonnaa Dooktar Deeviid Laaboord mari’ataniiru.
Tarsiimoo nyaataa biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojimaata idil-addunyaa dhaabbatichaa waliin qindeessuun tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.
Itiyoophiyaan karoora idil-addunyaa dhaabbatichaa keessatti hammatamuun barbaachisaa ta’uu Samaariitaa Sawaasawu kaasaniiru.
Beekamtiin dhaabbatichaan kennameef fuulduratti biyyattiin dhaabbilee idil-addunyaa waliin walitti dhiyeenyaan akka hojjettuuf carraa kan uumuuf ta’uu eeraniiru.
Doooktar Deeviid Laaboord gamasaaniin, Dhaabbanni Nyaataa Addunyaa damee hundaan Itiyoophiyaa deeggaruuf murannoo qabaachuu kaasanii, tooftaa ittiin Itiyoophiyaan rakkoolee nyaataan walqabataniif furmaata laattu biyyoota naannawichaaf fakkeenya kan ta’u jedhan.
Qaamoleen lameen tumsa isaanii cimsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia