Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan salgan darban galii Birrii biiliyoona 5.89 walitti qabuu Fandiin Inshuraansii Kuufama Maallaqaa Itiyoophiyaa beeksise

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Fayyummaa fi nageenya damee faayinaansii mirkaneessuuf kan hundaa’u Fandiin Inshuraansii Kuufama Maallaqaa Itiyoophiyaa baatiwwan salgan darban galii Birrii biiliyoona 5.89 walitti qabuu beeksise.

Bara 2013 kan hundaa’e Fandiin Inshuraansii Kuufama Maallaqa Itiyoophiyaa wagoottan sadan darban hojiilee bu’aa qabeeyyii raawwachaa turuu ibseera.

Raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii ilaalchisee ibsa kan kennaan hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa Dassasuunyi Ambaaw galiin Birriin biiliyoonni 5.89 walitti qabamuu himaniiru.

Galii argame keessaa % 88.29 Araboonirraa kan walitti qabame yoo ta’u, % 11.71 ammoo Invastimantiirraa walitti qabamuu ibsaniiru.

Fandichi galii dabalataa argachuu fi humna maallaqaa isaa guddisuuf Araboonii walitti qabuu fi kan Invastimantii deebisee Invastii waan godhuuf baatiwaan salgan darban Kuufamni isaa Birrii biiliyoona 12.11 qaqqabuu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.