Oromiyaatti Ayyaana Sooma Hiikaaf lammiilee kuma700 oliif deeggarsi ni kennama
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Ayyaana Sooma Hiika sababeeffachuun lammiilee harka qalleyyii kuma 700 oliif deeggarsa akka kennu Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Naannichaa beeksiseera.
Biirichi yeroo garaagaraatti abbootii qabeenyaa, dhaabbilee amantaa, qaamoolee hawaasaa fi kanneen biroo waliin ta’uun deegarsicha kan kennu ta’uun himameera.
Deeggarsi kunis akaakuun kan kennamu ta’ee, Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 500tti tilmaamama jedhameera.
Biirichi Ayyaana Sooma hiika sababeeffachuun lammiilee harka qalleeyyii kuma 700 ‘f deeggarsa garaagaraa hanga jala bultii ayyaanichaatti kennuuf hojjechaa jiraachuu Biirichatti Daayirekterri Eegumsa Hawaasummaa Obbo Abdullaahi Ahimad Faanaa Dijitaaliif himaniiru.
Meeshaaleen akka Daakuu, Xaafii, Zayita Nyaataa, Lukkuu, Killee, Hoolaa, Re’ee, huccuu fi galteewwan Ayyaanaaf oolan Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona 500tti tilmaamamu deeggarsaan kan kennaman ta’uu eeraniiru.
Birrichi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun wayita ayyaanaa qofa osoo hin taane dhaabbiin maatii harka qalleeyyiif deeggarsa adda addaa kennaa jiraachuus dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.