Xaa’oo kuntaalli miiliyoonni 10 fi kumni 300 ol gara biyyaatti geejjibsiifame
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Xaa’oon bara oomishaa 2017/18’f oolu hanga ammaatti kuntaalli miiliyoonni 10 fi kumni 300 ol gara biyyaa keessaatti geejjibsiifamuu Ministeerri Geejjibaafi Loojistiksii beeksise.
Bara oomishaa kanaaf xaa’oo kuntaala miiliyoona 24 dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Hanga baatii Ebla 5’tti xaa’oon kuntalli miiliyoonni 10 fi kumni 300 fi kumni 43 gara biyyaa keessaatti geejjibsiifamuun himameera.
Xaa’oo kuntaalli miiliyoonni 8 fi kumni 600 ol konkolaattota fe’umsaa daangaa ce’aniin kan geejjibsiifame yoo ta’u, kanneen hafan baaburaan geejjibsiifamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia