Fana: At a Speed of Life!

Mootummoonni Gamtoomanii hojii ijaarsa nagaa Itiyoophiyaa kan deeggaru ta’uu beeksise

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaatti hojii walitti bu’iinsa ittisuufi ijaarsa nagaa kan deeggaru ta’uu Itiyoophiyaatti Qindeessaan Dhimmoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idiriis Itiyoophiyaatti Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Raamis Alkaabiroov waliin mari’ataniiru.

Walitti bu’iinsaa ittisuufi ijaarsa nagaa biyyaalessaa guddisuuf tumsaan hojjechuun haala danda’amurratti mari’achuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

Lammiilee sababa rakkoo nageenyaan qe’ee isaaniirraa buqqa’an deebisuuf dhaabbileefi sekteraaleen garaagaraa waliin qindoominaan hojjechuu akka qaban Mahaammad Idiriis ibsaniiru.

Mootummaan karaa hariiroofi tokkummaa uummattootaa cimsuun lammiilee qe’ee isaaniirraa buqqa’an deebisuuf hojjechaa jiraachuus kaasaniiru.

Walitti bu’iinsi akka hin uumamneefi yoo uumames marii nagaan furuun tattaaffii guddaa kan gaafatu ta’uu eeruun, dhaabbilee mootummaa, miti-mootummaafi qaamolee deeggartootaa waliin tumsaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Dooktar Raamis Alkaabiroov gamasaaniin, hojiilee Itiyoophiyaatti walitti bu’iinsaa ittisuufi nagaa waaraa ijaaruuf hojjetamaa jiran dinqisiifachuun, hojiilee kanneen kan deeggaran ta’uu mirkaneessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.