Fana: At a Speed of Life!

Carraawwan Tuurizimii Magaalaan Shaggar qabu faayidaa diinagdeef oolchuun murteessaadha – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Carraawwan Tuurizimii Magaalaan Shaggar qabu faayidaa diinagdeef oolchuuf qorannoon qulqullina qabu murteessaa ta’uu Kantibaan magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsan.

Magaalaan Shaggar qabeenya tuurizimii qabu adda baasuufi beeksisuun galii damicharraa argamu guddisuuf tuurizimii qorannoo saayinsawaan deeggaruun hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Magaalichatti hojiilee gama kanaan karoorfaman milkeessuuf qorannoo ka’umsaa mata duree “Potenshaala Tuurizimiifi Qophii Tarsiimoo Misooma Tuurizimii Magaalaa Shaggar” jedhu irratti waltajjiin marii gaggeeffameera.

Carraafi potenshaala tuurizimii Magaalaan Shaggar qabdu adda baasuun misoomsuu, beeksisuufi ‘biraandii’ taasisuun faayidaa diinagdeef oolchuun barbaachisaa ta’uu Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa dubbataniiru.

Kanas qorannoo qulqullina qabuun deeggaruun carraa hojii akka uumuufi tajaajila si’ataa dinagdee dam-daneessaaf galtee ta’uu akka danda’u hojjechuun barbaachisaadha jedhan.

Itti Aanaa Kantiibaafi Qindeessaan Kilaastara Dinagdee Magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloon, Qorannoon kun akka milkaa’u hawaasa bal’aa mariisisuun galtee fudhachuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Magaalaa Shaggar Magaalaa hawwataa, miidhagaa, ammaayyaa’aa turistoota biyya keessaafi alaa hawwachuu danda’u uumuuf qorannoon akkanaa murteessaa ta’uu hirmaattoonni marichaa kaasuu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Magaalaa egeree damee tuurizimiitiin dorgomaa taate uumuuf bu’uura ka’uun murteessaadha jedhan Itti gaafatamaan Komishinii Turizimii Magaalaa Shaggar Obbo Biniyaam Tsaggayeen.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.