Godina Jimmaatti kuufamni dhagaa cilee galtee Indaastiriif oolu argame
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaa Godina Jimmaatti kuufamni dhagaa cilee galtee Indaastiriif oolu jiraachuu qorannoon mirkanaa’uu Inistiityuutiin Ji’ooloojikaalii Itiyoophiyaa beeksise.
Inistiityuutichi dandeettii qorannoo biyya keessaa cimsuun qorannoowwan garaagaraa gaggeessaa jiraachuun eerameera.
Kutaalee biyyattii garaagaraatti bobba’uun qorannoo albuudaa taasiisaa kan jiru yoo ta’u, qorannoo fi qo’annoo Dhagaa Cileerratti Godina Jimmaa aanaa Dedootti gochaa ture ifoomseera.
Qorannoo fi qo’annoo gaggeeffameen dhagaan Cilee galtee Indaastiiriif oolu jiraachuu mirkanaa’uu ragaan fuula Inistiityuuticharraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan kunneen abbootii qabeenyaa damicha misoomsuu barbaadaniif ka’umsa ta’uu himeera.
#Oromia #Ethiopia