Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaafi Veetnaam dameewwan garaagaraan tumsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaafi Veetnaam dameewwan daldalaafi barnootaan tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessan.

Ministirri Muummee Veetnaam Faam Miin Chiin Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiif masaraa mootummaatti sagantaa simannaa qopheessaniiru.

Sagantaa simannaan booda hoggantoonni lameeniifi jilli isaanii marii gam-lamee gaggeessaniiru.

Mariisaaniin, fooyya’iinsota biyyoota lameenitti gaggeeffamerratti, dhimmoota diinagdeefi siyaasaa tumsaan hojjechuu danda’an irratti, wal jijjiirraa muuxannoofi invastimantii dabalatee dhimmoota biroorratti mari’ataniiru.

Dabalataan hoggantoonni lameen dameewwan daldalaafi barnootaarratti tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

Kana malees waliigalteen Siiviil Aviyeeshinii Finfinneefi Haanooy gidduu balallii Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa qindeessu mallattaa’uun ibsameera.

Daawwannaa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Veetnaamitti taasisan, erga hariiroon dippiloomaasii biyyoota lameenii hundeeffamee sadarkaa hogganaa mootummaatti isa jalqabaa ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.