Hoggansiifi ogeeyyiin sadarkaan jiran kenna tajaajilaafi ittiquufinsa ummataa mirkaneessuuf hojjachuu qabu – Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Hoggansiifi ogeeyyiin sadarkaan jiran kenna tajaajilaafi ittiquufinsa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka hojjeetan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin hubachiisan.
Gabaasni raawwii hojii kenna tajaajilaa manneen hojii mootummaa naannoo Oromiyaa hanga kurmaana 3ffaa bakka obbo Awwaluu Abdiin argamanitti qoratameera.
Guyyaa har’aas, gabaasni raawwii hojii kenna tajaajilaa hanga kurmaana sadaffaa bara 2017 kilaasteroota arfanii dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Hoggansiifi ogeeyyiin sadarkaan jiran kenna tajaajilaafi ittiquufinsa ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin hubachiisaniiru.
Hoggansi manneen hojii sadarkaan jiru kenna tajaajilaa waliin walqabatee sirriitti karoorsuu, raawwiifi gabaasa madaaluu, sirna to’annoofi hordoffii diriirsuun deeggarsa barbaachisu kennuun jijjiiramni maalii akka dhufe madaaluu qaba jechuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia