Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Pireezidaanti Pool Kaagaamee waliin mari’atan
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Pireezidaantii Ruwaandaa Pool Kaagaamee waliin mari’ataniiru.
Ruwaandaatti daawwannaa hojii taasisaa kan jiran Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan, hariiroofi tumsa raayyaa biyyoota lameenii irratti Pireezidaanti Pool Kaagaamee waliin mari’ataniiru.
Itaamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisaa Ruwaandaa Jeneraal Mubaarak Muugaangaan waliinis marii gam-lamee taasisaniiru.
Daawwannaan kun tumsa biyyoota lameenii waggoota dheeraaf ture cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Dabalataanis biyyoonni lameen dameewwan raayyaa ittisaafi kanneen biroorratti tumsaan waliin hojjechuuf akkasumas nageenyaa naannawichaa guddisuuf kutannoo isaanii kan agarsiisu ta’uu eerameera.
Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan Ministira Raayyaa Ittisaa Ruwaandaa Juuveenaal Maariizaamuundaa waliin mari’achuus ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia