Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Badhaasa Nageenya Daandii Kooffii Aanaan 2025 irratti beekamtii argatte

Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Itiyoophiyaan bu’aa olaanaa damee geejjibaan galmeessisteef Badhaasa Nageenya Daandii Kooffii Aanaan 2025 irratti beekamtii argatte.

Sagantaa badhaasichaarratti kan argaman Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Bari’oo Hasan, badhaasni kun tattaaffii itti aanuuf jajjabeessituu guddaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan beekamtii kana argachuun ishee tattaaffii biyyoonni Afrikaa nageenya daandii fooyyessuufi sirna geejjibaa isaanii waaressuuf taasisan kan agarsiisu akka ta’e ibsuu isaanii ragaan Tajaajila Geejjibaa Paabilik Sarvisiirraa argame ni mul’isa.

Badhaasni kun badhaasa idil-addunyaa wagga waggaan mootummoota, dhaabbileefi namoota dhuunfaa nageenya daandiin gahee olaanaa bahataniif kennamu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.