Adeemsi nagaa lammilee Sudaaniin hogganamu jeequmsa biyyattii hiikuuf barbaachisaadha jedhame
Finfinnee, Ebla 7, 2017 (FMC) – Jilli Itiyoophiyaa Daayrektara Olaanaa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseeniin durfamu Yaa’ii dhimma Sudaan irratti magaalaa Landanitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jira.
Yaa’ichaan deeggarsa namoomaa, waliigaltee dhukaasa dhaabuu mirkaneessuufi walitti bu’iinsa biyyattii karaa siyaasaa furuun haala danda’amurratti mari’atameera.
Jilli Itiyoophiyaa barbaachisummaa adeemsa nagaa lammiilee Sudaaniin hogganamuu kaasuun, lammiilee nagaa baraaruufi deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf waliigalteen dhukaasa dhaabuu barbaachisaa ta’uu ibseera.
Hawaasni idil-addunyaa deeggarsa Sudaaniifi biyyoota godantota simataniif taasisu guddisuu akka qabu hubachiiseera.
Yaa’icha Ingiliz, Gamtaa Awurooppaa, Faransaay, Jarman fi Gamtaan Afrikaawaloon kan qopheessan yoo ta’u Mootummoota Gamtoomanii dabalatee bakka buutonni biyyoota14 fi dhaabbilee idil-addunyaa hirmaachuu ragaan Embaasii Itiyoophiyaa Landanitti argamurraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia