Fana: At a Speed of Life!

Guddina diinagdee Itiyoophiyaaf dameen teeknoloojii gahee olaanaa qaba- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Ebla 9 ,2017 (FMC)- Guddina diinagdee Itiyoophiyaaf dameen teeknoloojii gahee olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsan.

Hoggantoonniifi hojjattoonni Ministeera Innooveeshiniifi Teeknoloojii fi dhaabbilee waamamtootaa raawwii karoora baatiiwwan 9 darbanii irratti mari’ataniiru.

Waltajjii kanarratti kan argaman aadde Caaltuu Saaniin, jijjiirama riifoormiin diinagdee fide keessatti lammiin hundi kallattiinis ta’e al-kallattiin hirmaachuu eeranii, hojiilee hojjataman hubachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Guddina diinagdee biyyaalessaaf tokkummaan hojjechuu qabna jedhaniiru.

Ministirri Ministeera Innooveeshiniifi Teeknoloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa gamasaaniin, riifoormii diinagdee gooroo hordofee hojiileen ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, humna namaa, imaammata fi tarsiimoo hojjatamuu eeraniiru.

Diinagdee dijitaalaa guddisuun sirna faayinaansii walxaxaa salphisuufi carraa hojii uumuuf leenjiin Itiyoo Koodarootaa gahee olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru.

Itiyoophiyaa teknooloojiin ammayyoofteefi biyyoota biroof fakkeenya taate ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.