Aadde Adaanech Abeebeen ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen ayyaana yaadannoo Iyyesuus Kiristoos sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaaf baga ayyaana du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoosiin nagaan geessan jedhaniiru.
Ayyaanni du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos dhiiga isaan cubbuu ilma namaa qulquulleessuuf ofiisaa dabarsee laachuun jaalalaasaa dorgomaa hin qabne Fannoorratti ibsee du’uun ilma namaa hundaaf dhiifama kan argamsiise fi du’allee injifannoo dhabsiisuun ayyaana du’aa itti ka’eedha jedhuun ibsaniiru.
Nutis fakkeenyummaa Iyyasuus kiristoos hordofuun wal jaalachuun,waliif yaaduun, dhiifamaa fi araara gochuun ilma namaa hunda waliin nagaan akka jiraannu inni nu haa gargaaru jedhan.
Ayyannichi kan jaalalaa,nagaa, dhiifamaa, araaraa,waliif yaaduu, wal garagaaruu gammachuu fi waloomaa akka ta’u hawwaniiru.
#Oromia #Ethiopia